موسوعة القرآن الكريم
نحو توفير تفاسير وتراجم موثوقة لمعاني القرآن الكريم بلغات العالمسورة الناس - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
سورة الناس عدد آياتها 6 مكان النزول مكة وترتيبها في المصحف 114
Jedhi: "Gooftaa namaattin maganfadha. [1]
Mootii namaatti,
Gabbaramaa namaatti (kan isa malee gabbaramaan haqaa hinjirretti),
Hamtuu hasaassii (sheyxaana) dhokatuufi mul’atuu irraa [2]
Isa qomoota namaa (onneewwan) keessa waswaasu irraa,
Jinniifi nama irraa kan ta’e (irraan maganfadha).”

